ONM-ABO Adoolessa 17, 2023
Aangoon kan uummataati jechuun sirni bilxiginnaa miidiyaan ololus heerri barreeffamee jiru faalla’ee, uummanni Oromoo erga dursaan paartii biltsigginnaa Abiy Ahimad aangootti dhufee kaasee qabeenyaa dhabuu fi aarsaa lubbuu kaffaluun gidiraa argaa jira.
Haaluma kanaan dheengadda jechuun Adoolessa 15, 2023 Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Gomboo jedhamutti waraanni maafi’aa PP bobba’uun dunkaana dargaggoo maqaan isaa Lalisaa Qajeelaa jedhamu jalaa ganama naannoo sa’aa 2:00tti cabsanii itti ol seenuun qabeenyaa tilmaamaan maallaqaa qarshii 150,000 ta’u saamanii deemuu jiraattonni onichaa Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka odeessi achi nu qaqqabee ibsutti karoorri sirnichi qabatee deemu maqaa isin waraana bilisummaa Oromoo deggertu jedhuun uummata saamee dinagdeen namoota dadhabsiisee harka isaa jala galfachuun sirna paartii tokko ijaaruu akka ta’e barameera.

