• Wed. Nov 25th, 2026

Kaaba Shaggar bakkoota garaa garaa keessatti sabboontota hidhanii dararuu hammeessan

Jul 21, 2023

ONM-ABO Adoolessa 21, 2023

Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu jechuun dargaggoota jiruu mataa ofii jiraatan qabanii beekamtii mana murtii malee murni bilxiginnaa dararaa kan jiran yoo ta’u, Kaaba Shaggar aanota garaa garaa keessatti dargaggoota hidhanii rakkisuun kun hammaatee jira.

Haaluma kanaan kaaba Shaggar Magaalaa Sulultaa keessaa dargaggoota lama kan maqaan isaanii Tashoomaa Tasfaayee fi  Ashannaafii Hayiluu jedhaman qabuun ji’a tokkoo oliif tursanii kan jiran yoo ta’u, Waraqaan eenyummaa keessan Salaalee waan ta’eef, isiniin WBOtu gara kanatti isin ergate jechuun qabanii hidhan.

Oduuma wal fakkaatuun, Kaaba Shaggar aanaa Dagam magaalaa Hambisoo keessaa qabuun maggaluma sanatti dargaggoota lama ji’a tokkoo oliif hidhanii dararaa kan jiran yoo ta’u, dargaggoonni kunneenis maqaan isaanii; Daadhii Mulgeetaa fi Caalaa Hayiluu ta’uu maddeen keenya gabaasaniiru.

Dargaggoota kanaan isin WBO deggertu, obboleessi keessanis miseensa WBOti jechuun qabanii hiraarsaa akka jiranis maddeen keenya gabaasaniiru.

Akka maddeen keenya himanitti, Kaaba Shaggar aanaa Dagam magaalaa Hambisoo keessatti qofa, Oromoota 60 ol Oromummaan yakkuun mana xiqqaa tokkotti naqanii dararaa akka jiranis dabalanii himaniiru.

Leave a Reply