• Tue. Nov 24th, 2026

Uggura sochii magaalaa Gambeelaa irra kaa’ameen uummatni dararaa argaa jiraachuun barame

Jul 21, 2023

ONM-ABO Adoolessa 21, 2023

Murni faashistii PP rakkoo siyaasaa naannoo tokko keessatti uumamu gadi taa’ee furuu irra humna waraanaa itti bobbaasuun ajjeessuu fi komaandpoostii irratti labsuun sochii ugguree uummata dararuu tooftaa waraanaa godhachuun hojjechaa jira.

Akka kanaanis mootummaa naannoo Gambeelaa magaalaa Gambeelaa keessatti wal dhibdee torban lamaan kana geggeeffamaa tureen labsii uggura sochii gochuun uummatni yeroon dhimma isaanii osoo hin xumurin manatti galuuf dirqamanii jiru.

Guyyaa dheengaddaa Adoolessa 19, 2023 irraa eegaluun uggura sochii galgala sa’a 1:00 hanga ganama sa’a 12:00tti kan kaa’ame yoo ta’u, uggura kaa’ame kanaan hawaasni rakkoo hawaasummaa fi dubartootni da’umsi qabe rakkinaaf saaxilamanii jiru.

Sodaan magaalattii keessa jiru hamaa ta’uu kan dubbatan jiraattonni magaalattii, murni bilxiginnaas rakkoo gosoota Anyuuwakii fi Nuweerii akkasumas waraana isaa fi qaamota hidhatee socho’aa jiru gidduu jiru furuu irra guyyuma dheengaddaa fi kaleessaa waraana isaa xiyyaaraan magaalicha keessatti buusaa turuu dabaluun addeessaniiru.

Leave a Reply