• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Gujii bahaa aanaa Aagaa Waayyuu keessaatti waraanni shororkessaan bilxiginnaa nama nagaa tokko ajjeessan

Jul 25, 2023

ONM-ABO Adoolessa 25, 2023

Ajjeechaan Oromiyaa keessatti ilmaan Oromoo qofa irratti xiyyeeffatamuun waraana Abiy Ahimed uummata nagaatti bobbaaseen geggeeffamaa jiru guyyaa gara guyyaatti dabaluun uummanni Oromoo yaaddoo jireenyaa keessa galee jira.

Haaluma Kanaan dheengadda Adoolessa 23, 2023 godina Gujii bahaa aanaa Aagaa Waayyuu keessatti nama nagaa hidhata siyaasaa kamiinuu  hin qabne ooyiruu qonnaa isaanii keessatti nama maqaan isaa Gannalee Kureessaa jedhamu waraanni goleessaan PP rasaasa itti roobsuun ajjeessan.

Gannalee Kureessaa barataa akka ture maddeen himuun, akkuma manni barnootaa cufameen waqtii qonnaa kana  hanga yeroon barnootaa ga’uutti maatii isaa deggeruuf hojii qonnaatti bobba’uun maatii isaa tajaajilaa osoo jiruu, Oromoo ta’uu qofti yakkamaa isa taasisuun waraana sirna nama nyaata PP’n badii tokko malee ajjeeffamuu maddeen dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply