• Wed. Nov 25th, 2026

Kibba Oromiyaa godina Gujii lixaa aanaa Abbayyaa keessatti waraanni sirnichaa namoota nagaa rasaasa itti roobsuun ajjeessan 

Jul 26, 2023

ONM-ABO Adoolessa 25, 2023

Waraanni kolonel Abiy Ahimed golee Oromiyaa mara keessatti maqaa nageenya eegsisuu jedhuun bobbaafaman, ilmaan Oromoo badii tokko malee sababa itti funaanuun sobaan yakkanii akka bineensaatti ajjeessanii bakkeetti gatuu jabeessanii jiru.

Guyyaa dheengaddaa jechuun Adoolessa 23/2023 godina Gujii Lixaa aanaa Abbayyaa ganda Geeloo keessatti jiraataa gandichaa nama  maqaan isaa obbo Fidee Fiigaa jedhamu waraanni raayyaa ittisa impaayerattii haala suukaneessaa ta’een ajjeessuu isaanii jiraattootni ijaan argan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Waraanni sirnichaa ilmaan Oromoo sababuma Oromummaa isaanii qofaaf ajjeessaa kan jiru yoo ta’u, ajjeechaan gara jabummaan raawwatamaa jirus jabaachaa waan dhufeef, uummanni Oromoo biyya keessaa fi alaa wal humneessinee sirna abbaa irree kan Abiy Ahimed’n durfamu kana ofirraa haa darbinuun dhaamsa jiraattoota ona Abbayyaati.

Leave a Reply