• Mon. Mar 16th, 2026

Magaalaa Gambeelaa keessatti ajjeechaa fi hidhaan itti fufuun uummatni sodaa keessa gale

Jul 26, 2023

ONM-ABO Adoolessa 25, 2023

Murni faashistii PP ergamtoota barcuma siyaasa isaanii akka tiksaniif bobbaafataniin lubbuun ilmaan Oromoo akka baalaa harca’aa fi badii malee hidhamuu irraan kan ka’e jiraattootatti yaaddoo uumee jira.

Mootummaa naannoo Gambeelaa magaalaa Gambeelaa keessatti ajjeechaan itti fufuu irraan kan ka’e jiraattootni yaaddoo keessa kan seenan yoo ta’u, guyyuma kaleessaa Adoolessa 24, 2023 namoota 3 ajjeessuun tokko qabanii hidhan.

Namootni ajjeefaman kun Maatiyoos Jabeessaa, Ibsaa Tamasgeen fi Boonaa Geetaahuun yoo ta’u, dargaggoo Surraa Solomoon jedhamu ammoo qabanii achuma magaala Gambeelaa mana adabaa galchanii jiraachuun barameera. 

Akka jiraattootni jedhanitti tarkaanfiin ajjeechaa kun kan raawwate miseensota raayyaa ittisa impaayerattiin yoo ta’u, erga gosoota Nuweerii waliin guyyuma kaleessaa naannoo Domboskootti wal rukutaniin booda aarii sanaa akka ta’e dubbatan. 

Magaalaa Gambeelaa keessatti jiraattootni yaaddoo lubbuun jiraachuu keessa galuun naannicha gadhiisanii baqachaa jiraachuu dabaluun ibsaniiru. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading