ONM-ABO Adoolessa 26, 2023
Jaarmiyaan ABO-WBO garbummaa uummata Oromoo irraa hundeen buqqisuuf qabsoo hidhannoo abboota isaa irraa dhaale jabeessuun akeekaa fi kaayyoo ganamaa warreen galmaan ga’uu danda’u jedhu simatee leenjii kennuufiin bobbaasuu cimsee itti fufee jira.
Kaleessa Adoolessa 25, 2023 gootichi abdii bilisummmaa fi walabummaa Oromoo akkasumas Oromiyaa zoonii waraana Kaabaa keessatti kaadhimamtoota waraanaa simachuun leenjii waraanaa fi siyaasa dhaabichaa erga kenneefiin booda sirna hoo’aan eebbisiisee jira.
Leenjifamtootaaf leenjii waraanaa riphee lolaa, ga’umsa qaamaa, heera, seera, barruu naamusaa, seenaa saba Oromoo fi haala siyaasa impaayerattii irratti barruu qophaa’e cufa barsiisuun egeree saba Oromoof akkaataa ta’anitti leenjii walitti fufiinsaa kennaafii ture.
Eebba kana irratti kan argaman qondaaltotni WBO zoonichaa, eebbifamtootaan baga geessan jechuun roorroo sabatti ulfaatee isiniinis rakkisnaan manaa baatan kana akeekaa fi kaayyoo dhaabichaa jalatti taliigamuun akkasumas aadaa, safuu fi dantaa saba Oromoo kabachiisaa galma xumuraaf of qusannoo tokko malee akka hojjettan jechuun dhaamsaa fi haamilee taasisaniiruuf jechuun gabaasni zoonicha irraa nu qaqqabe ni addeessa.











