• Thu. Nov 26th, 2026

Muummichi Ministeera Impaayera itoophiyaa, buufata daandii galaanaa humnaan ykn walii galteen to’achuuf karoora akka qabu ifoomse

Jul 27, 2023

ONM-ABO Adoolessa 26, 2023

Yeroo itti biyyoonni Gaanfa Afrikaa (Sudaan, Itoophiyaa fi Keeniyaan)  rakkoo nageenyaan goolamaa jirtutti Abiy Ahimed buufata daandii galaana irraa karaa nagaatiin, yoo kun hin taane ammoo humnaan to’achuu qabna jechuun dubbateera.

Akka Horn of Africa News and information hub” gabaasetti, Abiy Ahimed daandii galaanaa barbaaduun tolaanis taatu lolaan itti deemna jechaa jira.

Eritrea waliin kan walii galan yoo taate daandii qilleensa Ethiopia irraa 30% kenneefii buufata daandii galaana irraa Asabitti dhimma ba’uuf akka jirus dubbateera.

Ertrea waliin yoo  walii galuu didan ammoo lolaan itti deemna jechuunis yaada Abiy Ahimed gabaasichaan ibseera.

Ibsi gama mootii impaayera kanaan kenname kun yeroo itti dhimmi Itoophiyaa fi Ertrea yaaddessaa ta’e irratti ta’uu isaa dhaabbatichi kan gabaase yoo ta’u, Isaayyaas Afawarqii  ifatti Faannoo Amaaraa waliin hariiroo horachuun leenjii waraanummaa kennaafii ture eebbisiisuun karaa Kaaba impaayerittii seensisee jiraachuun taatee torban kanaa ture.

Yaadni Abiy Ahimed Eertiraaf  baankii fi daandii xiyyaara Itoophiyaa keessaa parsantii qoodee fi Gibxiif ammoo bishaan guutuu dhiisuun akkasumas humna maddisiisuu hidha guddicha Laga Abbaayyaa gadi buusuun ni milkaa’aa fi gara lolaatti deemuun  isaa fuula duratti kan mul’atu ta’a.

One thought on “Muummichi Ministeera Impaayera itoophiyaa, buufata daandii galaanaa humnaan ykn walii galteen to’achuuf karoora akka qabu ifoomse”
  1. Hayyaa,Empire Bara Baraan Dhiigaa Ilmaan Oromoo xuuxxu,Kan ijaarsishee Lafee,Dhiigaafi Lubbuu Gootota Oromoo irratti Ijaaramte kun Akka Barbadooftee badduuf Humna Dandahameen Itti duuluun gaariidha,Kanaafuu Lolli Empirettiifi Ertrean gidduutti akka Dhalatuuf Sabquunnamtii’een Hawaasaa,Dhunfaa,Gareefi Dhaabaa kallattii hundaan dhiibbaa uumuu qaba malee akka isaan wal hin lolleef dhiibbaa Gochuun Gola QBO dhaaf buhaan isaa maalii?
    Haboo Abiddaafi Cidii walitti Haa Godhu Waaqni keenya!!

Leave a Reply