• Tue. Nov 24th, 2026

Wal dorgommiin kubbaa Miillaa uummata Oromoo kaaba Ameerikaa OSFNA moo’icha Madda Walaabuun Goolabame

Jul 31, 2023

ONM-ABO Adoolessa 31, 2023

Torban tokkoof wal dorgommiin kubbaa miillaa uummata Oromoo kaaba Ameerikaa OSFNA gareewwan garaagaraa gidduutti geggeeffamaa ture guyyaa dheengaddaa Adoolessa 29, 2023 sirna hoo’aan goolabamee jira.

Wal dorgommii torban tokko guutuu ilmaan Oromoo isteetota adda addaa irraa garee kubbaa miillaan ijaaraman gidduutti geggeeffamaa tureen guyyaa dheengaddaa Adoolessa 29, 2023 waancaaf kan ga’an gareen Madda Walaabuu fi WBO, moo’icha garee Madda Walaabuu galii 1-0’n xumurameera.

Garee lachuuf uummatni Oromoo kutaa kaaba Ameerikaa adda addaa irraa achitti argame haamilee ta’aafii ture.

Tokkummaan uummata Oromoo, jaalalli isaan waliif qaban akkasumas yaadni qabsoo Oromoo jabaatee mul’ataa ture.

Torbeen Oromoo kun Ameerikaa magaalaa Washington DC irratti kan geggeeffamaa ture yoo ta’u, waldaan qorannoo Oromoo OSA’n akkasumas ABO-WBOnis magaalattii keessatti bakka uummanni Oromoo argametti waltajjii geggeeffachuun barameera.

Leave a Reply