ONM-ABO Hagayya 2, 2023
Murni faashistii PP ilmaan Oromoo badii tokko malee ilaalcha siyaasaan yakkuun waraana isaa itti bobbaasee qabee dararuu itti fufee jira.
Torbee lamaan dura dargaggoo Dagaagaa Faqqadaa Wallaggaa jedhamu, badii tokko malee mana jireenyaa isaa magaalaa Finfinnee naannoo Haannaa Maariyaamii jiru keessaa qabuun mana hidhaa bilxiginnaa naannoo Meeksiikoo jirutti hidhanii jiru.
Dargaggoo Dagaagaan barataa Yuuniveersitii Wallaggaa yoo ta’u, digirii 2ffaa Muummee Construction Engineering barachaa ture.
Namni kun nama nagaa fi quuqama Oromummaa kan qabu yoo ta’u, kanaan duras Yuunivarsitiitti Gumii Aadaa fi Dagaagina Afaan Oromootti pirezidaantii ta’uun tajaajilaa ture.
Turtii hidhaa torban lamaa kana keessatti hanga gabaasni kun qindaa’etti mana murtiitti dhiyaatus beellama daddabarsuun mirga wabii dhorkatanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

