ONM-ABO Hagayya 5, 2023
Impaayera seer-dhablummaan keessatti baay’ate Itoophiyaa keessatti mirgi ilma namaa hanga bineensotaa kabaja dhabuun, maqaa seeratti dhiyeessina jedhuun namota nagaa qabanii hidhuu gariin hidhaadhaa baasuun yoo ajjeessan kaan ammoo achi keessatti dhiibbaa jabaa irraan ga’aa oolu.
Haaluma kanaan godina Arsii bahaa aanaa Amminyaa keessatti maanguddoon Hajii Tamuu Jundii jedhaman baatii sadii oliif hidhamanii kan jiran yoo ta’an, mana hidhichaa keessatti yaala dhorkachuun dararamaa jiru.
Namoonni sababa tokko malee qabamuun mana hidhaa aanichaa keessatti hidhamuun dararamaa jiran hedduu akka ta’e maddeen himuun, ilaalcha siyaasa bilxiginnaan ala qabda jedhamuun kan shakkame cufti qabamuun akka dararamuu fi mana hidhaatii ba’uuf maallaqa guddaa akka kaffalu maddeen ibsaniiru.


