• Thu. Nov 26th, 2026

Lixa Wallaggaa aanaa Ganjii keessatti wal dhibdee waraana raayyaa ittisa impaayera Itoopiyaa fi Poolisii Federaalaa gidduutti uumameen loltoonni isaanii hedduun du’aa fi madoon wal adaban

Aug 7, 2023

ONM-ABO Hagayya 7, 2023

Caasaan murna bilxiginnaa Oromiyaa keessatti loltoota hedduu leenjisee bobbaasus, loltoonni murnichaa bakkoota hedduutti wal dhibdeen gidduu isaaniitti uumamuun miseensota isaanii wal irraa ajjeessaa oolu.

Haaluma kanaan lixa Wallaggaa aanaa Ganjii bulchiinsa magaalaa Ganjii keessatti loltoonni impaayerattii raayyaa ittisaa fi Poolisiin federaalaa lola yeroo dheeraaf walii isaanii irratti kaleessa Hagayya 6, 2023 geggeessaniin miseensota hedduu wal irraa ajjeessuu fi hedduunis akka madaa’ee maddeen onichaa gabaasaniiru.

Sababni wal dhibdee isaanii inni guddaan ilaalcha sanyummaa isaan gidduu jiruu fi waan nyaatan galaa  wal jalaa fudhachuun warreen galaa dhaban dhukaasa eegaluun  miidhaa wal irratti geessisuu isaanii maddeen himaniiru.

Miseensotni galaa fixne jechuun mooraa waajjira bulchiinsa aanichaa dhaqan raayyaa ittisa impaayerattii yeroo ta’an, poolisootni federaalaa mooricha keessa jiran ammoo durumayyuu jibbiinsi isaan gidduu waan tureef dhukaasa walitti eegaluu maddeen dubbatu.

Oduu biraatiin ammoo waraanni godina Arsii bahaa aanaa Zuwaay Dugdaa magaalaa Caffee Jilaa keessaa namoota nagaa caasaa uummatni filatee dura taa’aa gandaa fi itti aanaa abbaa gandaa ta’uun hawaasa tajaajilaa turan, Abbuu Waaccisoo fi Maammaa Gammee qabanii deemuun magaalaa Ogolchoo mooraa waraanaatti hidhanii dararaa kan jiran yoo ta’u, bakka isaanii oolee osoo hin bulin nama obbo Dodolii Bukuu jedhamu filanii hojiitti akka galchan maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Leave a Reply