ONM-ABO Hagayya 9, 2023
Oromiyaa wiirtuu nagaa fi tasgaabbii taatee akkasumas biyya sabaa fi sablammootni hedduun jalalaan keessa jiraatan keessatti murni bilxiginnaa rakkoo diinagdee, siyaasaa, nageenyaa fi hawaasummmaa babal’isuun goolumsi fi tasgabbii dhabiinsi jabaan uumamuun, uummatni qaala’iinsa jireenyaan waxalamaa, saamamaa, hidhamaa fi qabeenya isaa irratti doorsifamaa jiraachaa jira.
Haaluma Kanaan godina baha Shaggar magaalaa Adaamaa kutaa magaalaa Daabee keessatti daldaltootatti gibira humnaan olii itti muruun, daldaltoota gibirri nutti murame kun seeraan ala bu’aa hojii keenyaa irraa argannuun wal hin madaalu jechuun mormanii iyyaata dhiyeeffatan namoota nurratti ijaaruun mormiif kakaasaa jirtu jechuun doorsiisaa fi hidhaa jiru.
Namoota hidhamanii jiran keessaa kan maqaa arganne aadde Loomii Badhaadhaa, Shawaayyee, aadde Rahimaa Awwal fi Obbo Birhaanuu Geetaachoo Mammoo guyyaa muraasa gidduutti kaffaluu qabdu hin kaffaltan taanaan qabeenyi keessan ni uggurama jechuun doorsisaa akka jiran maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.









