ONM-ABO Hagayya 8, 2023
Moonaa Loltoota PP keessatti garaa garummaan yaadaa uumamuun bakkoota gara garaatti walitti dhukaasanii wal ajjeessaa akkasumas moonaa qabsichaa irraa ba’uun badaa jiru.
Hagayya 6, 2023 godina Booranaa magaalaa Moyaalee moonaa ganda 01 keessatti argamu keessatti wal dhibdeen gidduu isaaniitti uumamuun lolli guddaan gidduu isaaniitti deemsifamaa akka ture maddeen keenya magaalicha irraa gabaasaniiru.
Dhukaasa sa’a dheeraaf gidduu isaaniitti deemaa ture kanaan namoonni hedduun kan du’an yoo ta’u, kanneen madaa’an hospitaala geeffamuun yaalamaa akka jiranis eerameera.
Lola waraana PP gidduutti gaggeeffame kanaan kan mufatan loltoonni impaayerattii daangaa impaayerattii qaxxaamuruun Kaaba Keeniyaa seenanii koolu galtummaa biyya Keeniyaa gaafatanii jiru.
Moonaa ol aantummaan saba tokkoo keessatti leellifamu keessatti yeroo garaa garaatti garaa garummaan yaadaa uumamuun walitti dhukaasaa wal ajjeessaa ooluun cinaatti, moonicha ganuun gara gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti makamaa fi maatii isaaniitti galaa kan jiranis hedduudha.





