ONM-ABO Hagayya 9, 2023
Lola malee nagaa buusuu kan hin feene murni bilxiginnaa akkaataa isaaf ta’utti loltoota mijeeffatee bobbaasuuf yaalus, loltoonni sabaaf sablammii ta’anii gatii dhiigaa fi lafee itti cabsanii impaayera dulloome ijaaruun bu’aa akka hin qabne hubachuun loltoonni isaa yeroo hundaa sirnicha gananii ba’uu itti fufanii jiru.
Keessumaa ilmaan Oromoo murna Abiy Ahimediin durfamu jibbuun sirnicha gadhiisanii ba’uu kan jabeessan yoo ta’u, dheengadda Hagayya 7, 2023 miseensotni waraana raayyaa ittisa Impaayerattii baay’inaan 13 ta’an godina Lixa Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Najjoo fi aanaa Boojjii Dirmajjii magaalaa Biilaa irraa sirna balfamaa bilxiginnaa ganuun hidhannoo guutuun miliquun gooticha waraana bilisummaa Oromootti dabalamaniiru.
Miseensonni lama Magaalaa Najjoo irraa, loltootni 11 ammoo magaalaa Biilaa irraa qawwee Turkii 11, isnaayipperii 1, dachaatuu 1, rasaasa 1310 fi Boombii harkaa 14 baasuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo ittiin gabbisaniiru.

