ONM-ABO Hagayya 8, 2023
Heeraa fi seeronni barbaachisoon murna bilxiginnaan barreefamanii haa jiraatan iyyuu malee, hoj-maatni isaa lafa irratti kan hin hojjenne impaayeera Itoophiyaa keessatti amantaaf siyaasni kan wal hin ilaallanne ta’uu seerri ifatti kaa’us murnootni aangoo of harkaa qaban geggeesitoota mana amantaa hordofuun hidhuu jabeessanii jiru.
Haaluma kanaan hagayya 7, 2023 mootummaa naannoo Gambeelaa keessatti jiraataa magaalaa Gambeelaa ganda 03 kan ta’e Paasterii Waldaa Kiristaanaa maqaan isaanii Shubbisaa Jabeessaa jedhaman waraana goolessaa PP’n qabamuun mana hidhaa naannichaa keessatti argamu.
Paaster Shubbisaan hundeessaa waldaa Jaalala Wangeelaa yoo ta’u, badii qabaatee osoo hin taane sababa ilma Oromoo ta’eef Oromummaa isaaf guyyaa kaleessaa waajjira koomishinii poolisii naannichaatti hidhanii jiru.
Namni kun tajaajilummaan mana amantaa kiristaanaa yeroo isaa guutuu kennuufiin tajaajilaa kan turan ta’us, waan isaan keessaa hin qabatiniin akka hidhaman hiriyootni isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.



