ONM-ABO Hagayya 11, 2023
Finxaaleeyyiin Amaaraa mootummaa Oromoo jigsuufi jechuun sochii amma impaayerattii keessatti geggeeffamaa jiru kana uummatni isaan waliin ka’ee akka qolatuuf dubbii goyomsaa dubbatanis uummata irraa fudhatama hin arganne.
Maree uummata waliin dheengadda Hagayya 9, 2023 godina Arsii Lixaa magaalaa Arsii Nagallee keessatti uummata waliin taasisan irratti mootummaan kun keessanii, Oromoo waan taaneef jibbamne, humni Oromoo wal ta’uu qabaa fi nu waliin hiriiraa jedhanii namoota waltajjii irratti argamaniif kaasaniis hawaasni waltajjii sana irra ture, yaadota mormii fi komee murna bilxiginnaa irraa qaban kaasuun balaaleffataniiru.
Isin akka Itoophiyaatti waliin hojjetanii gaafa wal dhabdan nutti deebitanii daboo nu kadhattu, kana ammoo lola isin TPLF waliin gootan irraa baranneerra waan ta’eef Isa marsaa kanaa akkuma Oromara jettanii fiddanitti fixadhaa jechuun deebii laataniif.
Gama humna Oromoo tokkoomsuu jedhuunis akka waan warreen Oromoof qabsaa’aa jiran waliin tokkummaa qabanitti uummata kaasuuf yaalanis, uummanni waan nuti argaa jirru nu hin sobinaa, Oromiyaa keessatti lola Waraana Bilisummaa Oromoo irratti banaa, tokkummaa humna Oromoo yoom yaaddu? Jechuun kijiba isaanii harkatti rukuchaa turan.
Mareen magaalaa Nagallee keessatti geggeeffamaa ture, wal hubannoo malee kan xumurame yoo ta’u, maree bilxiginnaatti humna horuu fi qabsoo bilisummaa Oromoo ilaalchisuun ammoo afaanfajjii uumuu itti fufanii waan geggeessaniif uummatni Oromoo aanaalee biroo keessa jirtan gocha bilxiginnaa kana quba qabaadhaa kan jedhan maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa aanaa Arsii Nagalleeti.



