ONM-ABO Hagayya 14, 2023
Magaalaan Finfinnee dachee Oromootaa osoo taatee jirtuu, uummanni Oromoo bakka silaa jiraachuu qabutti jireenyi itti ulfaatee hidhaan dararamaa, bakka socho’u maratti gandaaf kutaan qoodamee hiraarfamaa oola.
Haaluma kanaanis kutaa magaalaa Finfinnee keessatti hidhaan jabaatee itti fufuun dargaggoo Amaanu’eel Girmaa jedhamu dhalataa godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo waraanni murna bilxiginnaa qabuun mana hidhaa Meeksikoo keessatti dararaa jiru.
Dargaggoon Amaanu’eel magaalaa Finfinnee keessatti hojii guyyaa hojjetee kan of jiraachisuu fi maatii irraa fagoo kan jiru yoo ta’u, erga qabamee namni isa gargaaru dhibuun rakkachuu fi hanga ammaatti mana murtiitti deddebi’us baatii tokko kana keessatti murtii osoo hin argatin jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.


