ONM-ABO Hagayya 14, 2023
Tarkaanfii bubbulee nu qaqqabeen Irree fi gaachanni ummata Oromoo WBOn zoonii kibbaa Konyaa Gujii bahaa keessa socho’u cibraan Odaa Adoolaa aanaa Adoolaa Reeddee keessatti Jimaata darbe Hagayya 11, 2023 tarkaanfii haleellaa waraana garboonfata PP irratti fudhateen loltoota PP 32 battalumatti ajjeesuun 20 ammoo madeesse 5 harkaan qabee jira.
Gama meeshaatiin Kilaashi AKM 13, Bireena 1, Rasaasaa fi boombii hedduu irraa guuruun injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof!
