• Thu. Nov 26th, 2026

Saamichi qabeenyaa uummataa irratti murna bilxiginnaan godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa keessatti jabaate

Aug 15, 2023

ONM-ABO Hagayya 15, 2023

Uummanni Oromoo harki caalaan isaa qonnaan kan jiraatu yoo ta’u, ergamtootni murna bilxiginnaa maqaa mootummaa Oromoon aangoo irra jiran sirnicha da’oo godhachuun badii fi murtii  mana murtii malee saamicha qabeenyaa qe’ee qonnaan bultoota Oromoo irratti raawwachuu itti fufanii jiru.

Haaluma kanaanis godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa  ganda Caffee magartuu keessatti murni bilxiginnaa guyyaa dheengaddaa Hagayya 14, 2023 loon sadii nama maqaan isaa Abbaas jedhamu jalaa saamanii jiru.

Waraanni murna faashistii kun qonnaan bulaa kanaan Waraana Bilisummaa Oromoo deggerta ittiin jechuun qabeenya isaa akka saaman barameera.

Aanicha keessatti WBOtu asiin qaxxaamura, isintu karaa itti agarsiisaa fi fidee nu rukuchiise maqaa jedhuun hawaasa Oromoo aanichaa irratti dararaa guddaa  raawwachaa jiraachuu maddeen  Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply