ONM-ABO Hagayya 16, 2023
Uummatni Oromoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa gaafachuun deebii dhabee qabsoo hadha’aa geggeessaa kan jiru yoo ta’u, murni faashistii PP wantoota qabsoo kana duubatti ni deebisa jedhu qopheeffachuun hojii irra oolmaa isaaf ittiin uummata dararaa oola.
Haaluma kanaanis godina baha Harargee aanaa Haroomaayaa keessatti bakka waraanni bilisummaa Oromoo socho’u maratti uummataan isintu nutti bobbaasa jechuun qonnaan bultoota hiraarsaa jira.
Aanicha keessaa gandoota akka Daamotaa, Battee fi Xinniqqee keessatti hawaasa naannichaan isin deggertoota WBOti jechuun ba’aa fi gala dhorkuun rakkoo ulfaataaf saaxilanii jiraachuu maddeen himan.
Gandoota kanneen keessaa dargaggoota, sabboontotaa fi qonnaan bultoota qabeenya qabu jedhaman doorsisuu fi qabanii hidhaa akka jiran dabalanii ibsaniiru.


