ONM-ABO Hagayya 16, 2023
Bilxiginnaan Oromiyaa mara keessatti caasaa milishaa bal’inaan gadi dhaabuun uummata nagaa ittiin hiraarsaa, saamaa fi ajjeessaa kan jiru yoo ta’u, baha Oromiyaa aanota hedduu keessatti ammoo waltajjiilee garaa garaa qopheessuun leeenjii kennaafii jiraachuun mumul’achaa jira.
Haaluma kanaanis baha Oromiyaa baha Harargee aanaa Malkaa Bal’oo magaalaa Jaajaa keessatti kaleessa jechuunis Hagayya 15, 2023 waltajjii dabballoonni PP qopheessaniin milishootni aanichaa marii irra kan oolan hoggaa ta’u, marii kanaanis maqaalee garaagaraa itti maxxansuun uummata saamuu fi dararuun qabxii ijoo irratti dubbatamaa ture ta’uu maddeen keenya aanichaa dubbachuun, hiraarsa hamaa aanicha keessatti mullachaa jiruunis jiraattotni hedduun aanicha keessaa buqqa’aa jiraachuus gabaasan.
Baha Harargee aanaalee akka Maattaa keessatti ammoo roobni dhabamuun uummatni dararamaa kan jiru yoo ta’u, magaalaa Awwadaay keessatti ammoo maallaqa seeraan alaa uummata irraa funaanuun hawaasa dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

