• Tue. Nov 24th, 2026

WBOn ona Gumii Eldalloo keessatti waraana PP du’aa fi madoon adabuun meeshaalee waraanaa irraa hike

Aug 16, 2023

ONM-ABO Hagayya 16, 2023 

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn Zoonii Kibbaa Cibraan Soddom-Booroo, lukkeelee diinaa maqaa sakattaa jedhuun guyyaa har’aa Hagayya 16, 2023 kibba Oromiyaa ona Gumii Eel-dalloo mooraa Bulbul irraa bobbatee irratti bakka addaa Dika jedhamutti ganama  toora sa’a 3:00tti halleellaa taasisuun  rasaasaan tumee jaanjessee loltoota 34 ol-du’aan yoo adabu, 57 madoo dandammii hin qabneen adabee jira.

Tarkaanfii kanaan qawwee AKM  13, bireena  PKM 2, rasaasa PKM 1,780, rasaasa AKM-260 fi loltu Abiy Ahimed tokko fayyaatti hidhannoo guutuu waliin booji’ee jira.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply