ONM-ABO Hagayya 18, 2023
Lola impaayerattii keessatti adeemaa jiruun wal qabatee murni bilxiginnaa waraana saamtotaa fi safuu hawaasaa hin eegne barcuma aangoo isaa tiksuuf jecha baayinaan leenjisuun hawaasa jidduutti bobbaaseen hidhaa fi saamichi jiraattota irratti rawwachuu dubbatu.
Aanaan Qobboo yeroo ammaa karaa kaabinootaa fi waraana sirnichaan maqaa nageenya uummataa eegu jedhuun waraanni baayinaan aanicha qubsiifaman hidhaa fi saamicha keessatti raawwachaa jiraachuu jiraattonni irra deddeebiin iyyachaa jiru.
Aanichuma ganda Tarcoo keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggartu jedhu itti maxxansuun namoota maqaan isaanii Rihaadee Kaabiraa, Mahammad Amiin, Ahimed Kadir Mammad, Ahimed Muusaa, Ibsaa fi Feesal jedhaman badii tokko malee dargaggoota nagaa kan siyaasa keessaa harka hin qabne hidhuun dararaa jirus jedhaniru.
Saamichi jiraattoota irratti bifa garaagaraan geggeeffamu kan cimee jiru ta’uu himuun, namuu qofaa galgala dukkana keessa yoo deeme sa’a kana eessa deemta? maaliif deemaa jirta? jechuun waan namni sun qabatee jiru guutummaatti akka nama seera cabsee fakkeessuun maallaqa, bilbilaa fi wantoota akka faayaa illee osoo hin hambisin saamaa jiraachuu dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

