• Sun. Mar 15th, 2026

Lixa Harargee aanaa Odaa Bultum araddaalee garaagaraa keessatti lafaa fi meeshaaleen hojii qonnaa jiraattota jalaa saamamaa jiraachuun barame

Aug 18, 2023

ONM-ABO Hagayya 18, 2023

Harargee lixaa aanaa Odaa bultum, araddaa Lakkoofsa Sagal naannawwaa Laga Miidhagduutti lafa uummatni mana jireenyaaf bitate kaabinoonni PP kilaastera Ruuzaa facaasna jechuun torbee darbee eegalanii tiraakteraan qotaa jiraachuu jiraattotni himatan.

Jiraattota lafti isaanii saamame jalaa dabalataanis lafa seeraan alaa qabattan jechuun maallaqni 5000 irraa guuramaa jiraachuunis kan dubbatame yoo ta’u, ganda Burqaa Misoomaa bakka lakkoofsa 5 jedhamtu kan magaalaa Baddeessaatti dhiyoo taate keessatti ammoo poolisootni idilee fi milishootni waliin ta’uun meeshaa waraanaa barbaanna jechuun Hagayya 15, 2023 halkan sa’a 5:00 irraa qabuun mancaa dabalatee meeshaalee mana keessaa akkasumas maallaqa saamaa turuunis beekame.

Oduuma wal fakkaatuun naannoo magaalaa Horii mana Jabbii Muusaa biratti ammoo milishootni fi farri riphee lolaa sa’a 1:00 irraa qabanii waraqaa eenyummaa jechuun uummata doorsisaa fi maallaqa irraa guuraa kan jiran yoo ta’u, kanneen waan irraa fuudhan dhaban ammoo reebicha irraan ga’aa jiraachuunis himameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading