ONM-ABO Hagayya 18, 2023
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii kibbaa Konyaa Gujii lixaa gaafa guyyaa 17/2023 halkan keessaa sa’a 5:00 irraa kaasee hanga halkan sa’a 9:30 aanaa Dugdaa Daawwaa magaalaa ishee seenuudhaan tarkaanfii fudhateen humna diinaa du’aa fi madoon adabuun meeshaalee waraanaa irree hiikee jira.
Ergamtootni bilxiginnaa kun warreen duula waraanaa ilmaan Oromoo irratti labsanii ajjeechaa raawwachaa fi raawwachiisaa jiranii dha.
Tarkaanfii kanaan qawwee AKM 3, hidhannoo 2, rasaasa AKM 178, boombii F1 tokko fi gumbii 6 irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof!
