ONM-ABO Hagayya 19, 2023
Godina Boorana Bahaatti walgayii Hagayya 17, 2022 gamaaggama raawwii hojii nageenyaa’ jedhuun kora taa’ameen sochii Waraana Bilisummaa Oromoo to’achuu hin dandeenyee fi waan caasaa qulqulleessuu jedhu kaasuun wal qorachaa turan.
Godinicha gandoota aanaa Liiban jala jiran kanneen akka Burraa Dheeraa, Dhakaa Qallaa, Hardotii fi Kalaadaa gandoota kanneen Aanaalee ollaa birootiin waan wal-daangessanii fi waajjira bulchiinsa gandaatiin ala haala sochii WBO to’achuu akka hin dandeenye waliif ibsan.
WBO’n yeroo garaagaraatti humna guddaa fi haala bittinnaa’een sochii godhuu isaa argaa jirra” jechuun akkamiin ittisuu akka danda’an irratti mari’atanii jiru.
Kana malees ‘Caasaa Qulqulleesuu’ waan jedhu kaasuun kaabinootaa fi bulchitoota gandaa ilaalcha sirrii hin qabnee fi hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabu jedhaman aangoo irraa buusuufaa kallattii kaa’achuun waltajjii isaanii geggeessaa turan.
Murni bilxiginnaa WBO balleessuuf godinicha keessatti tooftaalee adda addaa fayyadamus torbeedhuma kana keessa waraana faashistii PP hedduu ajjeessuun meeshaalee irraa booji’uun ni beekama.

