ONM-ABO Hagayya 19, 2023
Seenaa waraana addunyaa kamii keessatti gochi dabaa raawwatamee hin beekne loltoota impaayera Itoophiyaatiin raawwatamaa kan jiru yoo ta’u, duudhaa, safuu fi seera hawaasaa cufarra ejjechuun manneetii amantaa illee mooraa waraanaa kan taasifatan hidhattootni kunneen, sababa kanaanis amantootni rakkachaa fi mufachaa jiu.
Haaluma kanaanis godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa ganda Dhidheessa Cittuu Qarkaa keessatti waraanni PP Hagayya 16, 2023 galgala waldaa guutuu wangeelaatti seenuun, namoota mooricha keessa jiran eega gadi yaasaniin booda waldicha keessa qubachuun amantoota gara waldichaatti deddeebi’an illee doorsisaa kan turan ta’uun himame.
Xiyyeeffannoon murna bilxiginnaa Qorqalbii uummata Oromoo miidhuu nagaa fi tasgabbii uummatichaa gooluu yoo ta’u, gocha dabaa raawwachaa jiran kanas seera ofii isaaniin tumataniin osoo hin daangeffamin gaggeessaa kan jiran ta’uun illee ni hubatama.

