• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruu keessatti waraanni bilxiginnaa Komaandoon waamaman afur WBOtti harka kennatan

Aug 22, 2023

ONM-ABO Hagayya 22, 2023

Sirni faashistii PP ilmaan Oromoo lola isaan hin ilaallanneef qe’ee abbaa isaanii irraa humnaan qabuun leenjii waraanummaa kennuufiin ajjeessisaa ture, gochi kun ni ga’a jechuu dadhabuun har’as saba isaanii akka ajjeessaniif Oromiyaa keessatti bobbaasuu isaa jibbuun ilmaan Oromoo miseensa waraana bilxiginnaa ta’an keessaa baduun WBOtti makamaa jiru.

Haala kanaanis dheengadda Hagayya 20, 2023 fi kaleessa Hagayya 21, 2023 miseensota raayyaa ittisa impaayerattii maqaa Komaandoon Waraana Bilisummaa Oromoo akka sakattaa’aniif murna Abiy Ahimediin godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruu magaalaa Kombolchaa qubsiifaman keessaa ilmaan Oromoo 4 qawwee fi hidhannoo guutuun WBOtti makamanii jiru.

Ilmaan Oromoo kunneen qawwee Turkii 4, hidhannoo 4, rasaasa 767 fi boombii 2 mooraa diinaa keessaa baasuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii gochuun ilmaan Oromoo achi keessatti hafanis meeshaa diinaa baachaa jiran sirnicha ganuun gara abdii fi gaachana Oromoo WBOtti akka makaman dhaamsa dabarsaniiru.

Leave a Reply