• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa keessatti ilmaan Oromoo hidhuun murtii tokko malee yeroo dheeraaf hiraarsuu fi aanaa Cooraa keessatti ammoo maqaa leenjii milishaa jedhuun uummata gidirsuu jabeessan

Aug 23, 2023

ONM-ABO Hagayya 23, 2023

Murni bilxiginnaa seera impaayerattii fi idil addunyaa cabsuun shakkamaa  to’annoo seeraa jala jiru osoo sa’a heerri ibsu  gidduutti yakka isaa qoratanii mana murtiitti dhiyeessuun irra jiruu, murtii seeraa  tokko malee manneen hidhaa impaayerattii garaagaraa keessatti baatii dheeraaf akkasumas waggoota hedduuf hidhaan akka dabarsan gocha jiru.

Haaluma kanaan godina Buunnoo Beddeellee aanaa Cawwaaqaa keessatti ilmaan Oromoo hidhamanii jiran baatii sadii oliif  badii tokko malee mana hidhaatti darbatamuun hiraarfamaa jiran keessaa muraasni Barsiisaa Wasihuun Misgaanuu, barsiisaa Daawwit Ayyalee, barsisaa Buzaayyoo Takkaaleny, Habtee Baqqalaa, obbo Darajjee Qajeelaa, Daawwit Caalii fi Zarihuun Qana’aa kanneen jedhaman yoo ta’an, mana hidhaa keessatti illee hedduu dhukkubsachuun yaala dhabanii kallattii hedduun dhiibbaan irra ga’aa jiraachuu jiraattootni ONMtti himan.

Oduu biraatiin godina Buunnoo Beddellee gandoota aanaa Cooraa hundumaa keessatti waraanni sirnichaa bobba’uun maqaa leenjii milishaa jedhuun ganda tokko irraa nama 20 qabaa jiraachuu fi namoonni hedduun dheessuun bakkoota biraatti godaanaa jiraachuunis himameera.

Leave a Reply