ONM-ABO Hagayya 26, 2023
Maqaa ijaarsa seeraan alaa fi naannoo misoomsina jedhuun manneen namootaa beekamtii bulchiinsa magaalaan ijaaramanii fi bulchiinsi magaalaa daandii akkasumas bishaan itti galcheef deebisanii seeraan ala jechuun bifa haaraan irratti diiguu erga eegalanii bubbuleera.
Dheengadda Hagayya 24, 2023 irraa eegalee caasaan waraana faashistii PP manneen hawaasaa magaalaa Shaggar bulchiinsa magaalaa Sabbataa fi Buraayyuu keessaa diigaa turan.
Bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessaa dheengadda Hagayya 24, 2023 bakka Aannee Diimaa jedhamuu diigaa kan turan yoo ta’u, kaleessa ammoo naannoo Dirree Cirrachaa, Anfoo, Beeroo fi Qarsaa irraa manneen namootni itti dadhabanii ijaarratan, yeroo ijaaramu taa’anii ilaaluunii fi wantoota barbaachisuun bira dhaabbatanii ganda uumaa turan yeroo ammaa hadheeffatanii diigaa jiru.
Kana malees magaalaa Sabbataa keessattis diigumsi kun itti fufuun manneen namootaa maqaa ijaarsa seeraan alaa fi magaalaa Shaggar ijaarra jedhuun jalaa diiguu itti fufanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

