• Tue. Nov 24th, 2026

Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa district Naqamtee keessatti dhiibbaan hojjettoota baankichaa irra ga’aa jiraachuun barame

Aug 28, 2023

ONM-ABO Hagayya 28, 2023

Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa keessatti caasaan mootummaa ijaarsa isaa irraa qabuun harka keessa seensifateen, hojjettoota isaa ilaalcha siyaasaan yakkuun hojii irraa ari’uu, doorsisuu, akeekkachiisuu fi guddina dhorkachuun beekamu.

Distiriktii Naqamtee keessatti hojiin bulchiinsa baankichaan hojjetamaa jiru sirrii miti kan jedhan namootni itti dhiyeenyaan beekan, hojjettoota guddinaaf qormaata qoraman ilaalchaan qooduun kan fedhan dabarsaa fi kan hin feene ammoo kuffisaa akka jiran barameera.

Hojjettootni rakkoon kun irra ga’e Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti akka himanitti caasaan bulchiinsa Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa distiriiktii Naqamtee dhiibbaa hojjettoota irraan ga’uu fi doorsisuu raawwachaa jiraachuu himu.

Hojjettootni komee akka hin kaasne, yoo kaasan ammoo waraana bilxiginnaa itti waamanii akka hiisisan itti dhaadachaa turuu himuun, baankiin kun seera ittiin bulu dhiisee mana siyaasaa ta’uun isaa nu gaddisiise jechuun Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.



Leave a Reply