ONM-ABO Hagayya 29, 2023
Kaleessa Hagayya 28, 2023 mootummaa naannoo Soomaalee magaalaa Jijjigaa keessatti ilmaan Oromoo irratti badii tokko malee tarkaanfii reebichaa fi hidhaa fudhachaa jiru.
Poolisootni Soomalee magaalaa Guutuu keessa deemuudhaan iddoo hundatti tarkanfii ulee akkasumas daandii irraa walitti qabuudhaan gara mana hidhaatti guuraa jiru.
Haaluma kanaan wal qabatee magaalaan Jijjigaa guyyaa kaleessaa raafama hamaa keessa galtee turte.
Poolisootni magaalattii tarkaanfii kana kan fudhachaa jiraniif sababni namni dhalataa uummata kibbaa ta’e tokko intala Soomaalee irratti Sagaagalummaa hojjechuun booda irra ajjeessaniif, hidhattootni naannichaa uummata Oromoo gocha kana keessaa hin qabne irratti tarkaanfii fudhachaa akka jiran maddeen dubbatu.
Ilmaan Oromoo baay’ee magaalaa keessatti poolisootaan tumamaa fi gariin fiiganii harkaa ba’aa kan turan yoo ta’u, dargaggoo “Ibsaa Bakar” kan jedhamu reebicha dargaggoota Soomaaleetiin irra ga’e dandamachuun harkaa figee ba’ee jira.
Gocha kana ilmaan Oromoo osoo hin taane sabni biraan hojjechuu osoo beekanii magaalaa Jijjigaa bakka adda addaatti ilmaan Oromoo xiyyeeffachuun miidhaa irraan ga’aa jiraachuu isaaniitti hawaasni Oromoo gadduu kan himan maddeen, bakka cufatti Oromoon sabummaan isaan gaaga’ama keessummeessaa jiraachuun egeree keenyaaf yaaddoodha jechuun yaada isaanii ibsaa jiru.



