ONM-ABO Fulbaana 1, 2023
Waraanni murna faashistii PP godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa ganda Caffee Magartuu keessatti namoota nagaa mana haadha Jaafar keessa turan irratti Kibxata darbe Hagayya 29, 2023 dhukaasa banuun Caalaa Ahimed fi Firoomsaa Adam kanneen jedhaman yoo madeessan, nama Mahaammad Abubakar, Yaayyaa Abubakar fi Abdoo Hasan Adamee jedhamu qabuun fuudhanii deemanii jiru.
Hagayya 25, 2023 aanichuma ganda Duukii keessaa ammoo namoota nagaa 7 kanneen Suleemaan Huseen, Yusuuf Huseen, Abdullaa Qamadii, Shamshuu Bakarii, Aliyyii Bakar jedhaman caasaa gandaa waliin ta’uun isin deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun qabanii hidhanii jiru.
Dheengadda Hagayya 30, 2023 ammoo ajajaan waraana faashistii PP caasaa aanichaa waliin ta’uun uummata ganda Shimal Tokkee waltajjii waamuun, isintu WBO deggeraaf balleessuu dadhabne, yoo isin eeruu sochii isaanii nuuf hin kennitan ta’e isinuma irratti tarkaanfii fudhanna jechuun doorsisaa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.


