ONM-ABO Fulbaana 2, 2023
Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjoo gandoota baadiyyaa cufa keessatti uummata dirqiin waltajjii waamuun dargaggootaa fi abbootii maatii waggaa 40 gadii namoota qawwee baachuu danda’an jechuun qabanii fudhanii deemaa turan.
Keessummaa torbee kana namoota irratti gocha kana raawwachuu kan itti fufan yoo ta’u, kaleessa Fulbaana 1, 2023 aanichuma ganda Luugamaa keessatti qonnaan bultoota humnaan waltajjii waamuun namoota 14 kanneen qawwee baachuu danda’an jedhan qabanii yoo deeman, namoota sana irraa hafan ammoo qarshii dhibba tokko tokko kafalchiisuun manatti galchan.
Murni faashistii PP kun Kibxata darbe ammoo ganduma Luugamaa keessatti raayyaan ittisa impaayerattii, poolisootni federaalaa fi milishootni waliin ta’uun qonnaan bulaa tokko bakka hojii isaatii osoo galuu ajjeessuun reeffa maatii dhorkatanii turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.


