• Sun. Mar 15th, 2026

Aanaa Anfilloo mooraa magaalaa Ashii keessatti miseensota maatii dabalatee waraanni murna maafi’aa PP namoota nagaa hedduu hidhanii dararaa jiraachuu beekame

Sep 6, 2023

ONM-ABO Fulbaana 6, 2023

Maqaa sochii sakatta’insa WBOn waraanni faashistii PP godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo gandoota hedduu keessatti ganama bariin sochii gochuun namoota nagaa manatti argatan deggertoota akkasumas miseensota Waraana Bilisummaa Oromoo ti jechuun qabanii reebuun mana hidhaatti darbachaa jiru.

Fulbaana 3, 2023 aanaa Anfilloo ganda Suddii jedhamutti walakkeessa halkanii irraa eegaluun sochii taasisaniin waraanni faashistii PP mana hawaasa nagaa deemuun miseensota maatii dabalatee namoota saddeetii ol qabuun akka hidhan jiranii fi hawaasni hidhamuun dararamaa jiran maqaan isaanii obbo Addaamuu Tasfaayee, Pheexiroos, Gammachuu, Esqiyaas fi Daandii kanneen jedhaman ta’uu maddeen ibsaniiru. 

Namootni qabaman kun hidhata kamiinuu kan hin qabnee fi yakka tokko illee kan hin dalagne yoo ta’an waraanni faashistii PP kun qe’ee isaanii irraa qabuun magaalaa Ashii mooraa warshaa buna gogaa obbo Daanyee keessatti hidhanii dararaa jiraachuu dabaluun addeessaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading