ONM-ABO Fulbaana 6, 2023
Kufaatii guddaa fi kasaraa qabeenyaa waggoottan lolli adeemsifamaa jiruun mudachaa jiru irraa bararamuuf jecha murni PP hawaasa Oromoo irraa qabeenya saamuu fi quunnamtii hawaasaaf waan danqaa ta’u raawwachaa jiru.
Caasaan murna bilxiginnaa dinagdeen hawaasaa miidhuuf jecha lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa keessatti namoota daldalanii jiraataniin maallaqa qarshii 10,000 tokko tokko fidaa jechuun hawaasa dararaa akka jiran maddeen eeruun namootni maallaqa kafalan dhaban ammoo hidhaan doorsisaa jiraachuu himaniiru.
Oduu biraatiin ammoo lixuma Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeelii fi Qilxuu Kaarraa gidduutti Kan argamu riqicha naannoo adda Laga Toobee jedhamu hawaasa jalaa Fulbaana 5, 2023 kutuun namootni Wal keessa deemanii daldalachuuf akka danqamanii jiran jiraattootni kaasuun, waggaa darbes riqicha kana kutanii akka turan ni yaadatama.


