• Mon. Mar 16th, 2026

Lixa Shaggar aanaa Amboo keessatti hidhaa fi ajjeechaan waraana faashistii PPn jabaachuun dubbatame

Sep 8, 2023

ONM-ABO Fulbaana 8, 2023

Yakkootni ija addunyaa biratti ulfaatoo ta’aan hedduun murna bilxiginnaan Oromiyaa keessatti jabaatanii gaggeeffamaa Kan jiran yoo ta’u, Rasaasa loltoota sirnichaanis ilmaan Oromoo qe’ee isaanii gubbaatti Akka baalaa harca’aa jiru.

Haaluma kanaan godina lixa Shaggar aanaa Amboo ganda Galaan waddeessaa fi kaarraatti Fulbaana 5, 2023 waraanni PP ganda Dikii maadheffatee jiru sochii taasiseen ganda Kaarraa bakka addaa Cittuu jedhamtutti, qeerroo Hincaalaa Taayyee jedhamu yoo ajjeesan, Galaasaa Jifaara ammoo Magaalaa Ambootii qabuun ganda Galaan waddeessaa bakka addaa Bagaalloo jedhamtutti uummata duratti baasuun ajjeesuun ifoome.

Oduu biraatiin ammoo Ganda Galaan Waddeessaatti namootni nagaan hedduun Dubartoota dabalatee baatiilee hedduuf hidhamanii dararamaa akka jiranis maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading