• Thu. Nov 26th, 2026

Loltoonni PP Arsii bahaa aanaa Heexosaa keessatti hidhaa yoo jabeessan, Arsii lixaa aanaa Gadab Hasaasaatti ammoo  nama tokko erga ajjeesaniin booda boollaa baasuun bineensa nyaachisuun dhaga’aame

Sep 8, 2023

ONM-ABO Fulbaana 8, 2023

Siyaasni impaayeratti erga kufee kan bubbule yoo ta’u, keessaayyuu bara kana hidhaa fi ajjeechaa furmaata waaraa kan taasifate bilxiginnaan daa’imman irraa eegalee haga maanguddootaatti uummata nagaa irratti miidhaa qaamaa qalbii raawwachaa Jira.

Haaluma kanaan Kibxata darbe jechuunis Fulbaana 5, 2023 godina Arsii bahaa aanaa Heexoosaa ganda  Haxxee Andoodee jedhamu keessatti, maanguddoota maqaan isaanii obbo Saanoo Haajii jaarsa gannaa 75 Fi Obbo Haajoo Haajii jaarsa Gannaa 68 ta’aan ilmaan keessan fidaa jechuun loltootni sirnichaa hidhanii dararaa kan jiranii fi dargaggoo Abbabuu Haajoo jedhamus isaanuma waliin hidhanii jiraachuun beekame. 

Oduu ajjeechaatiin ammoo torbanuma kana keessa godina Arsii Lixaa aanaa Gadab Hasaasaa ganda Fucoo bakka addaa gaara kaakkaa jedhamutti waraanni PP nama eenyummaan isaa hin beekamne tokko ajjeesuun bakkeetti gatuun uummatni fuudhee kan awwaale yoo ta’u, reeffa uummatni awwaale kanas waraanni PP boollaa baasuun bineensa nyaachisuun gabaafame.

Leave a Reply