• Thu. Nov 26th, 2026

Baha Wallaggaa aanaa Nuunnuu Qumbaa keessatti loltoota sirnichaatiin manneen qotee bultootaa gubachuu fi horiin hedduunis saamamuun ifoome 

Sep 9, 2023

ONM-ABO Fulbaana 9, 2023

Hawaasni Oromoo qe’ee isaa keessatti mirga uumamaa sarbamuun maqaa deggersa waraana bilisummaa Oromoof gootu jedhuun, manneen isaa gubachaa akkasumas qabeenyi jalaa saamamaa jireenya hadhooftuu dhamdhamaa jira.

Haaluma kanaan Godina baha Wallaggaa aanaa Nuunnuu Qumbaa magaalaa Adaree keessatti fulbaana 1, 2023 waraanni pp mana obbo Bajiree Mirreessaa gubuun loon ja’a, Re’ootaa fi Hoolota jalaa kan saaman yoo ta’u, obboleessa isaa Kan ta’e nama Tasammaa Mireessaa jedhamu jalaas haaluma walfakkaatuun mana gubuun loon, hoolotaa fi Re’oota akka akka saaman maddeen himan.

Kaayyoon murnichaa uummata Oromoo hawaas dinagdeen dadhabsiisuu yoo ta’u, hawaasni Nuunnuu Qumbaas falli hawaasni Oromoo qabu tokkoof tokkoon WBO cina hiriirree gabrummaatti xumura gochuudha jechuun yaada isaanii Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply