ONM-ABO Fulbaana 9, 2023
Hireen uummata Oromoo impaayera Itoophiyaa keessatti guyyaa irraa gara guyyaatti ajjeechaa, hidhaa fi saamicha ta’aa deemuun walqabatee qorqalbiin uummatichaa xuqamuun yaaddoo guddaa ta’aa Jira.
Haaluma kanaanis Fulbaana 4, 2023 godina lixa Shaggar aanaa Midaa Qanyii ganda Ariittaa Tokkee lagaa keessatti Maanguddoo ganna 70 kan ta’aan Obboo Giddiisaa Dirribaa qe’ee isaanii keessatti maqaa waraaana bilisummaa Oromoo deggerta jedhuun Kan ajjeefaman yoo ta’u, Obboo Naggasuu Oljirraa jalaa ammoo Horiin gaafaa 50 ol taatu waraana PPn saamamuun addeeffameera.
Oduudhuma Wal fakkaatuun aanaa Liiban Jaawwii ganda Haroo Maaramiittis horiin gaafaa hedduun waraana murna PPn kan saamame yoo ta’u, Reebicha ulfaataa loltootni sirnichaa raawwataniinis miidhaa guddaan uummatarra kan ga’ee fi dhukaasa hawaasa nagaa irratti gaggeeffameen namootni hedduun baqachuun, daa’imni ganna 8ti Gaaddisaa Waaqumaa jedhamu badee achi buuteen Isaa dhabamee jiraachuun beekame.


