• Tue. Nov 24th, 2026

Kaaba Oromiyaa godina Walloo Kamisee magaalaa Kamisee keessaa namootni hedduun hidhaatti guuramaa jiraachuun himame 

Sep 9, 2023

ONM-ABO Fulbaana 9, 2023

Ilaalcha Oromummaa balleessuu qabatee Kan jiru murni bilxiginnaa siyaasa isaa jabeeffachuuf jecha hidhaan namoota dararuu jabeessuun, godina Walloo Kamisee magaalaa Kamisee keessaa namootni hedduun hidhaatti funaanamaa jiraachuuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Haaluma kanaan maqaa waraana bilisummaa Oromoo deggertu jedhuun namootni hedduun fulbaana 8, 2023 godina adda Walloo magaalaa Kamisee keessaa qabamanii kan hidhaman yoo ta’u, namoota hidhaman keessaas kan maqaan nu ga’e; Seeyid Aliyyii, Suwaalii fi Hasan kanneen jedhamanii fi isaan malees guyyaa kaleessaa namootni hedduun hidhamanii jiraachuun himameera.

Dhiittaan godina walloo keessatti ilmaan Oromoo irratti karaa  murna abbaa irree kanaan raawwatamaa jiru hamaa ta’uun, dargaggootni fi sabboontotni ilmaan Oromoo hedduun haala yaaddessaa keessa jiraachuus ibsaniiru.

Leave a Reply