• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Wallagga lixaa aanaa Lataa Sibuu keessatti waraanni maafi’aa PP hidhaa hammeessuun beekame 

Sep 11, 2023

ONM-ABO Fulbaana 11, 2023

Baroota gabrummaa uummata Oromoo irra dheeressuuf, agartuu diinaa ta’aanii gola Oromiyaa saaqanii alagaatti mullisuun gufuu qabsoo bilisummaa Oromoo kan ta’aan murnoonni PP, maqaa Oromummaa ofitti maxxansuun golgaa duuba ta’aanii sabboontota ilmaan Oromoo adamsanii mana hidhaatti funaanuun miciree qabsichaa gogsuuf hojjechaa jiru.

Haaluma kanaan godina Wallagga lixaa aanaa Lataa Sibuu bulchiinsa magaalaa Goorii keessatti jiraattota ganda 02 namoota maqaan isaanii Waqeetaa Dureessaa, Caalaa Gammachuu, Gurraachoo Beekamaa fi Waaqee Ga’eeraa jedhaman maqaa WBO tumsitu jedhuun fulbaana 2, 2023 kaadirootni sirnichaa mana hidhaatti darbachuun hanga ammaatti dararaa jiraachuu maddeen arraata biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Murnoonni PP kunneen namoota bittaaf gurgurtaaf gandoota baadiyyaa irraa gara magaalaa deeman, heeruu waraana bilisummaa Oromoof funaanuu dhuftan jechuun qabanii dararaa garaa garaa irraan ga’aa jiraachuunis dubbatame.

Leave a Reply