• Tue. Nov 24th, 2026

Magaalaa Naqamtee keessatti loltoonni sirnichaa konkolaachisaa Baajaajii tokko hidhuun gidirsaa jiraachuun himame 

Sep 11, 2023

ONM-ABO Fulbaana 11, 2023

Oromiyaa keessatti namuu hojii tokko hojjetee ofii fi maatii isaa jiraachisuun garee faashistii PP biratti yakka ta’ee ilaalamuun, sababoota adda addaa namoota irratti funaanuun hidhaa fi ajjeechaaf saaxilaa jiru.

Haaluma kanaan Magaalaa Naqamtee keessatti dargaggoo Malkaamuu jedhamu, nama hojii konkolaachisummaa baajaajiitiin ofii fi maatii isaa jiraachisaa jiru, hidhattootni garee maafi’aa PP lama ta’aanii baajaajii isaa keessa seenuun uffata Waraanaa eega keessa ka’aaniin booda, eessaa fidde? Waraana bilisummaa Oromoof ergaa jirta jechuun, maallaqaa fi bilbila isaa dabalatee waan baajaajii keessa jiru hunda eega saamaniin booda, mana hidhaatti galchanii torban tokkoof achi buutee isaa dhabamsiisuun, dararaa hedduu erga irraan ga’aaniin booda waajjira poolisii ganda 07 keessatti argamuu maddeen ifoomsaniiru.

Dargaggoo Malkaamuun nama siyaasa Kam irraa walaba ta’ee fi abbaa maatii lamaa akka ta’e maddeen himuun, nama qarshii baajaajii irraa argamtuun mana kiraa kaffalaa ijoollee isaa guddisu yoo ta’u, yeroo ammaa hidhamuu isaan walqabatee haalli jireenya maatii isaatiis yaaddessaa ta’uu maddeen dabaluun ibsan.

Leave a Reply