ONM-ABO Fulbaana 11, 2023
Labooba ibidda qabsoo dhaloota keessaa dhaamsuuf hidhaa akka furmaataatti kan fudhatan tiksitootni sirnichaa, ilmaan Oromoo bakka cufa irraa qabuun mana hidhaatti galchanii hiraarsaa kan jiranii fi hidhaan namoota nagaa irratti raawwatamaa jiru kunis yeroo irraa gara yerootti dabalaa jiraachuu jiraattotni dubbatu.
Haaluma kanaanis, lixa Harargee magaalaa Ciroo fi gandoota aanichaa keessatti hidhaan sabboontota Oromoo irratti geggeeffamu jabaatee itti fufuun, namootni manni murtii bilisa isaan baase hedduun balleessaa tokko malee baatiilee torbaa fi isaa ol sababa waajjirri poolisii gadi lakkisuu dideef jecha mana hidhaa keessatti hiraarfamaa jiraachuun dubbatame.
Namootni mana hidhaa kana keessatti hidhamanii dararamaa jiran kunneen Abraahim Jamaal, Muusaa Moohammad, Diinee moohammad, Ibroo Abdallaa, Haarun Aliyyee, Birhaanuu Yawaannee, Abduramaan, Ussoo, Abbittii Geetuu, Muusee Usmaan, Firoomsaa Aadam, Shamshuu Aadam, Diinee Jamaal, Adinaan Yusuuf, Faami Abraahim, Ahmad Idiriis, Diinee Aliyyii, Tashoomaa bahaaru, Abduramaan Hassan, Maadii Yuuyyoo, Abdallaa Bakaree, Haloo Ushee, Aliyyii Abdullaa, Abduramaan Aadam, Nuraddiin Ahamad, Daawid Muussaa, Diinee Umar, Jawaar Ibroo, Ibroo Umaree, Ramadan Ahmad, Yusufee, Moohammad Iftuu Bakaree, Naadii Mammad, Leencoo Abrahim fi Qaasim Abdallaa kanneen jedhaman ta’uu jiraattotni dubbatan.
Namootni hidhamanii dararamaa jiran kunneen namoota siyaasa kam irra bilisa ta’aanii fi jireenya isaanii mo’achuuf carraaqan yoo ta’aan, Oromummaa isaanii qofaaf yakkamanii mana hidhaa keessatti baatiilee hedduuf hiraarfamaa jiraachuus jiraattotni himan.



