ONM-ABO Fulbaana 12, 2023
Tooftaa fi tarsiimoo bara bulchiinsa wayyaaneetti, bilxiginnaan Har’a aangoo impaayerattii of harkaa qabu dhimma ba’uun, qeerroo fi qarree sammuun bilchaatoo ta’aanii fi egeree biyyattiif abdachiisan qabuun achi buutee dhabamsiisuu fi manneen hidhaa dhoksaan impaayerattii keessa jiran keessatti ukkaamsanii dararaa jiru.
Haaluma Kanaan, godina Harargee lixaa ona Gubbaa Qorichaa magaalaa Kamoonaa keessatti torbee darbe shamarran maqaan isaanii Saartuu Abraham Aliyyii, Saartuu Mahaammadnuur fi Moosistuu Maammud Usmaan jedhaman, waajjira poolisii magaalaa Kamoonaatti dararaa erga turaniin booda achi buutee dhabamsiisuu jiraattotni himan.
Akka jiraattotni Arraatni biyyoolessa Oromiyaa dubbise himanitti shammarran kunneen badii fi faallaa siyaasa sirnichaa qabaatanii osoo hin tane, Oromoo ta’uu qofaan yakkamanii mana hidhaatti kan darbataman yoo ta’u, amma immoo eessa akka geeffaman hanga ammaatti beekuun akka hin danda’aamnee fi maatiin illee iyyaafatanis arguu akka hin dandeenye jiraattotni Arraata biyyoolessa Oromiyaatti himan.


