• Mon. May 4th, 2026

Godina Harargee lixaa aanaa Shanan Dhuuggoo keessatti kaadirootni PP ooyiruu hawaasaa irraa midhaan buqqisaa turuun dhaga’aame

Sep 30, 2023

ONM-ABO Fulbaana 30, 2023

Akkuma Oromoon Alaa gaala manaa baala jedhee mammaaku sana kan ta’e gochi bilxiginnaa miidiyaa gubbaatti ba’anii midhaan addunyaaf dhiyeessina jechuun soba afarsaa miidiyaa duubaan ammoo ooyiruu ilmaan iyyeessatti ba’uun midhaan buqqisaa uummata boossisaa jiru.

Haaluma kanaan fulbaana 28, 2023 godina Harargee lixaa aanaa Shanan Dhuuggoo ganda Abaadir keessatti abboota ilmaan isaanii guddifachuuf carraaqqatan dirqamsiisuun kuduraa fi muduraa dabalatee gosa midhaanii Kan ooyiruu isaanii irra jiru  kaadirootni PP milishaa waliin ta’uun buqqisaa akka turan maddeen ONM himaniiru.

Caasaaleen bilxiginnaa  gochoota akkanaa raawwatan olola dubbatame milkeessuuf jecha Ilmaan Oromoo agabsaa Kan jiran yoo ta’u, namoota gochi kun isaan irratti raawwate keessaa muraasni Abdoo Addaamee, Ziyaad Rashiid, Yoonis Baruun Fi Nasiroo Yuusuuf kanneen jedhaman ta’uu fi isaan malees namoonni hedduun maqaan isaanii nu hin qaqqabnes akka jiran maddeen ibsan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading