ONM-ABO Onkoloolessa 3, 2023
Murni ilaalcha jibbiinsaa Saba baldhaaf qabu bilxiginnaan gocha hawaasatti ba’aa ulfaataa ta’u dalagaa, tarkaanfii hamaa isin irratti fudhanna jechuunis doorsisaa uummata Oromoo buddeena yaaddoo nyaachisaa kan jiru yoo ta’u, Haalli akka walii galaatti uummatni Oromoo keessummeessaa jirus kan nama yaachisuudha.
Bifuma kanaanis kaleessa Onkoloolessa 2, 2023 baha Wallaggaa aanaa Waamaa Agaloo jiraattota ganda Goossanii Baabboo bakka addaa Uggaa Hordaa jedhamutti wal-gayii baasuun ganda kana osoo isin jirtanii qeerroon hidhatee caasaa keenya miidhaa jira waan ta’eef kanaan booda da’oo taatanii argamtanii jennaan adabbiin Keessan du’a jechuun jiraattota doorsisaa turuun baramera.
Akka hirmaataan wal-tajjii Sana odeessa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatiif kennetti torban tokkoo asitti sochii Qeerroo bilisummaa Oromoo fi Waraana bilisummaa Oromoo hordoftanii itti iyyuun qabdanii nuuf hin dhiyeessitan taanaan bakka irra jiraattan hin qabdan guyyaa torba qofa isiniif laannes jechuun uummata sodaachisaa akka turan maddeen ifoomsaniiru.

