• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Harargee Lixaa magaalaa Baddeessaa keessatti abbootiin qabeenyaa Amaaraa Tooftaalee garaa garaatiin deeggarsa Faannoodhaaf sassaabanii ergaa jiraachuun beekame 

Oct 3, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 3, 2023

Magaalaa Baddeessaa keessatti abbootiin qabeenyaa Amaaraa maallaqa deeggarsaa Faannoodhaaf walitti qabanii ergaa jiraachuu gabaasuun keenya kan yaadatamu yoo ta’u, Finxaaleyyiin kunneen ammas bifa jijjiirrachuun maqaa garaa garaa garagaaramuun deggersa taasisaa jiran itti fufuu maddeen himan.

Qaamoleen kunneen maqaa Maskaana jedhu garagaaramuun baadiyyaa fi magaalaa keessaa maallaqa funaanaa kan jiran yoo ta’u, hojii kanas namootni Shaawul Haftee fi Waliyyen Waraa jedhamu adda durummaan hojjechaa kan jiran ta’uus maddeen dubbatan.

Qaamoleen kunneen magaalicha keessatti waldaa Abasiiniyaa jedhu dhaabuun daldaltoota Oromoo Barbaree magalaa Shunqoo fi Bookee akkasumas Daaroo Labuu irraa fidanii gurguran irraa mi’a qarshii miliyoonatti lakkaawamu liqa fuudhanii qarshii isaa dhorkachuun ofiif ammoo gara Eertiraa fi Naannoo uummattiota kibbaa fi Amaaraatti gurguranii ittiin faannoo gargaara jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan. 

Leave a Reply