• Thu. Nov 19th, 2026

Baha Oromiyaa Godina Harargee Lixaa aanaa mi’eessoo Araddaa Toriboyyoo keessatti Saamichaa fi hidhaan murnoota sirnichaan gaggeeffamaa jiru jabaate 

Oct 4, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 4, 2023

Golee Oromiyaa cufa keessatti saamichaa fi hidhaan akkaan jabaachaa jiraachuu gabaasaa turuun keenya kan yaadatamu yoo ta’u, gochoonni badii kaadirootaa fi loltoota sirnichaan gaggeeffama jiru kun ittuma fufuun Harargee bahaa aanaa mi’eessoo araddaalee garaa garaa keessatti adeemsifamaa jiraachuu jiraattotni dubbatu.

Oduuma kanaanis Harargee lixaa aanaa Mi’eessoo araddaa Toriboyyoo ganda Baaldii keessatti maqaa shanee deggerta jedhuun dargaggoo maqaan isaa Mohaammed Ahimed jedhamu Fulbaana 26, 2023 qabuun waajjira poolisii aanaa Mi’eessoo keessatti haga ammaa dararaa jiraachuu jiraataan tokko ONMtti hime.

Loltootni sirnichaa ganduma Sana keessatti Dunkaana nama Ammee Nuuree jedhamu kan mi’a qarshii Kuma Dhibba tokkoo fi shantamatti tilmaamamu of keessaa qabu guutummaatti saamuun, korbeeyyii hawaasaa 6s humnaan fudhatanii qalachuu fi namoota ilmaan isaanii hojii barbaachaaf gara jibuutii dhaqanis ammoo ijoollee keessan fidaa jechuun doorsisaa jiraachuu maddeen gandichaa ONMtti himan.

 Araddaa Toriboyyoo keessatti namootni adda durummaan hawaasa dararaa jiran Bulchaa fi dhimma nageenyaa araddichaa maqaan isaanii Nuuree Mohaammed Bulchaa fi Abiraahim Saanii jedhaman akkasumas dhimma nageenyaa fi kaabinee aanaa irraa dhufan kan maqaan isaanii Huseen Rashiidii fi Ture jedhamis ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa dubbatan.

Leave a Reply